9.Dubra xixiqqoo heeruma hin gahin haga guddattuuf, akka eeggatuuf ammatti nikaaha namaa godhuun akkami?
Deebisaa: Nikaahni waan taphaa osoo hin taane waan akkaan jabaadha. Kanaafuu xiqqeenyaa fi guddina yookaan qabeenyaa fi hiyyummaadhaan adda hin baafamu. Hukmii Shari’aa keessatti ijoollee xixiqqoo nikhaha hidhuun ni jira. Ragaan kanaa-Sahbtichi guddaan Abi Bakhri As-Siddiiq-Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu- intala isaa A’ishaa (RA) tan amata 6 ykn 7 jirtu nabii keenyaaf (SAW) nikhaha...








