Muuziyeemii dolaara biliyeena 1.2’n ijaarte daawwiif banaa goote
Masiriin awwaala mootii Fir’a’uun Tuutaankaamuun dabalatee Muuziyeemii dolaara biliyeena 1.2’n ijaarte daawwiif banaa goote ********* ”Qaroomina addunyaa ajaa’ibsiisoo” jedhaman keessaa tokko kan ta’e Piraamiidii Guddicha Kuufuu kan Masirii, Giizaatti argamu yoo ta’u, Masiriin muuziyeemii arkiyoolojii guddaa addunyaa kan jedhame, Muuziyeemii Guddicha Masrii banaa gootetti. Muuziyeemii kana keessatti bobbociwwan hambaa seenaafi qaroomina durii agarsiisan 100,000 ta’an...












