Ajeendaa Keessan Irratti Cichaa!

Ajeendaa Keessan Irratti Cichaa! Mariin biyyaaleessaa adeemsa irra jiru kana irratti garaagarummaan ilaalchaa, ejjennoon wal irraa fagaachuun fi yaada furmaataa irratti mormiin uumamuu waan eegamudha. Aadaa marii keenya kan duraa, rakkoolee fi dhangala’a dhiigaa darban, akkasumas gaaffilee deebii dhaban heddmina isaanii irraa kan ka’e, falmiin uumamu akka sodaa kiyyaatti ta’ee hin argamne. Dhuguma falmiin ho’aan...

Giancarlo Esposito islaamummaa fudhate

Giancarlo Esposito, gahee filmi Bad’s Gus Fring, Better Call Saul fi The Boys’ Stan Edgar, taphachuun kan beekamu yoo ta’u, Sa’udii Arabiyaatti osoo fiilmii hojjechaa jiruu gara Islaamummaatti deebi’uun isaa himameera. Mul’anni Esposito Masjiida Hassan II Casablanca, Morocco keessatti argamu daawwachuu isaa irratti jama’aan salaataa akka jiru agarsiisu mul’ateera. Akka Dura Taa’aan Abbaa Taayitaa Bashannanaa...

Hiriira dinagdee Dubaayi fi Itoophiyaa gidduu jiru cimsuu

ISA. Mohammad Ali Rashed Lootah: “Hiriira dinagdee Dubaayi fi Itoophiyaa gidduu jiru cimsuu fi karaalee walta’iinsaa haaraa dhaabbilee damee dhuunfaa gabaa lamaan keessatti carraa walta’iinsaa banan uumuuf kutannoo qabna.” Daldalli boba’aa malee Itiyoophiyaan Dubaayi waliin qabdu bara 2025tti gara AED biiliyoona 22.3tti ol guddachuun waggaa waggaadhaan guddina guddaa %236.6 galmeessiteetti. Dhaabbileen Itoophiyaa 1,676 dhuma Q1...

Majlisni Shaggar Projektii Guddicha “Waqfii” Ifoomse

Majlisni Shaggar Projektii Guddicha “Waqfii” Ifoomse ******** Majlisni Shaggar, dhaabbilee amantaa Muslimaa hirkattummaa diinagdee jalaa baasuuf, projektii guddicha bara kanaaf karoorfate “Projektii Waqfii” jedhuun ummatatti baheera. Projektii kana milkeessuufis hubannoo kutaalee magaalaa adda addaatti kennaa ture xumuruun, har’a waltajjii ijoo ta’e Galma Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti gaggeessaa jira. Kaayyoon guddaan projektii kanaa, Masgiidotaa fi Madrasaalee...

sababoota 38 ka Yesuus waaqa akka hin taane mirkaneessan.

1- Waaqayyo Uumama Isaa Hin Jijjiiru (Miilkiyaas 3:6) . 2- WAAQAYYO inni Hundumaa Danda’u Yesuus Caala. (Yohaannis 14:28 ) 3- Yesuus dabalatee namni “Gaarii” ta’e hin jiru. WAAQAYYO qofti” Gaarii” (Luqaas 18:19) 4- Iyyesuus Sa’aatiin yoom akka dhufu hin beeku jedhe. Kan Beeka WAAQAYYO qofa. (Maarqos 13:32) 5- Yesus akkas jedhe” Waaqni KEENYA WAAQA Tokkicha...

dilii irraa towbatuu.

Gaafii:_ Namni tokko yoo daangaa Rabbii cabse, ifuma isaatii f karaa Rabbiitti deebi’a moo, nama biraatu, akka nama Islaamummaa qabsiisutti, shahaadaa  isa deebisuu qaba? Olomaa’ii biyya keennaa. Deebii:_ tokkoffaa, Namni tokko islaamummaa seenuu yoo fedhe osoo nama hin eegin ifumaa isaatii shahaadaa qabatee islamummaa seenuu ni dandaha. Namnis yoo shahaadaa isa qabsiise rakkoo hin qabu....

Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Muslimaa Itoophiyaa fi Ministira Haajjii Saawud Arabiyaa gidduutti waliigalteen mallatteeffame

Onkoloolessa 30, 2018 A.L | Jumaadal Awwal 18, 1447 A.H Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Muslimaa Itoophiyaa fi Ministira Haajjii Mootummaa Saawud Arabiyaa gidduutti waliigalteen raawwii Haajjii bara 1447 A.H (2018 A.L) mallatteeffameera. Waliigaltee kana: Bakka Itoophiyaa irraa kan mallatteessan:- Dr. Muhammad Saalih, itti gaafatamaa Haajjii fi Umraa Bakka Saawudii irraa kan mallatteessan: Dr. Abdul Fattah...

Dr. Zagluul Al Najjaar Gama fuula Rabbii adeeman

Hayyuu Guddaan Qorannoo Qur’aanaa fi Saayinsii beekamaan Dr. Zagluul Al Najjaar Gama fuula Rabbii adeemanInnaa lillaahi wa’innaa ilayhii raaji’uunSpider Media: Jumada I 18, 1447 AHSaayinsii raajii Qur’aanaa waliin walqabsiisuun qorannoo bal’aa gaggeessaniin kan beekaman Hayyuun lammii Masrii Dr. Zaghloul Al Najjar umrii isaanii waggaa 92tti har’a Joordaan magaalaa Magaalaa Ammaan keessatti gama fuula Rabbii adeemaniiru.Doktar...

Qur’aana qubee Afaan Oromootiin katabuun dandayamaa?

Gaafii: Qur’aana ni jaaladhaa, garuu Qur’aanni kun hedduu na dhiba, kanaaf jecha, Afaan Oromootiin yoon barreeffadhe maal rakkina qaba? Deebii: Kalaama Rabbii harfii inni ittiin dhufeen alatti jijjiiruun haraami. Warri wamaa hin qabu jedhulleen ni jira, garuu san daliila isaanii isaanumatu beeka. Sahaabootni guyyaa tokkollee Qur’aana kana osoo Ba (ب): Alif (ا): jedhanii hin qara’in, suuratul...

dhiirri tokko osoo bultii hin jaaratin dura, dhalaa biroo waliin hamtuu dalaguufii dalaguu dhabuu isaa akkamitti mirkaneeffanna?

Gaafii: Intalti takka yoo isiin heerumte dubraa mitii jedhan abbaan manaa, dhiiraan wajjiin turte yookiin durburummaa hin qabdu jedhanii waa heddu irratti oofan. Qulqullummaa dhiiraa hoo maaliin beeyna? dhiirri tokko osoo bultii hin ijaaratin dura dhalaa biroo waliin hamtuu dalaguu dhabuu isaa akkamitti mirkaneeffanna? Deebii:- dubartii waan irraa badutu jira, Kanaaf abbaan manaa sun, intala dubraa irratti...