Abbaan seeraa federaalaa Ameerikaa mootummaa Trump’f Ethiophiyaanota Ameerikaa keessa jiraatan 5,000 ol irraa Temporary Protected Status (TPS) addaan kutuuf karaa saaqe.

Eeggumsi kun bara 2022 keessa, walitti bu’iinsa fi rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessatti mudateen kan ka’e, Itoophiyaanota Ameerikaa keessa jiraataniif kenname ture.

Murtiin kun, Itoophiyaanota hedduu irratti deportation, jechuunis Ameerikaa irraa gara Itoophiyaatti deebifamuu, sodaa uumuu danda’a.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*