Al Sharaan Waajjira Obboleessa Ofii Cufsiisuun Tarkaanfii Ulfaataa Qondaalotaafi Sooreyyii Irratti Fudhatamu Maatii Ofii Irratti Eegale
Spider Media: Jumada I 10, 1447 AH
Perezidaantiin Sooriyaa Ahmad Al-Sharaan qondaaltonni mootummaa konkolaattota qananii oofan furtuu akka dabarsanii kennan ta’uu baannaan garuu rakkoon akka isaan mudatu akeekkachiisuun waajjira obboleessa isaa hangafaas cufsiiseera.
Jidduu kana Riyaad kan daawwata Al-Sharaan michuun isaanii yeroo muraasa keessatti si’a sadaffaaf itti deddeebi’an Ministirri Muummeefi Mootiin Goonfoo Sa’uudii Muhaammad Bin Salmaan ganama aangoo Mootummaa amma harkaa qabanii kana tarkaanfii isaan fudhatan fudhachuuf socho’aniiru.
Kunis hojjattoota mootummaafi daldaltoota sirna mootummaa da’eeffachuun ‘malaammaltummaan’ qabeenya kuufataniifi gibiraafi kaffaltii isaan irraa eegamu hin kaffalle irratti tarkaanfii fudhatamuudha.
Adoolessa bara 2024tti kan fonqolchame sirni mootummaa abbaa irree Bashar Alasaad inni mootummichi kufullee malaammaltummaan sirnicha fayyadamee babal’ate har’as jijjiirama biyyattiin taasistutti gufuu ta’ee itti fufeera.
Kanumaafis haala ajaa’ibaa fi kanaan dura hin argamneen, prezidaantiin Siiriyaa Ahmed al-Sharaa hojjettoonni mootummaa konkolaataa qananiin qaban furtuu isaanii hatattamaan akka dabarsanii kennan ykn akka himannaan malaammaltummaa akka isaan eeggatuufi qorannoo bal’aan isaan mudatu ajajaniiru jedha gabaasni haaraan Rooyitars baase.
Murtoon kun ammumaanuu namootuma sirni jijjiiramaa isaanii fide mootummaa haaraa harkaa qaban keessatti jeequmsa guddaa uumeera.
Tarkaanfiin tasaa kun qormaata guddaa pirezidaantii dargaggeessa hoggansa warraaqsaa irraa gara mootummaa siiviilii malaammaltummaa babal’ate ittisuuf hojjatuutti ce’uu keessatti mudate mul’isa.
Waan nama ajaa’ibu ammoo walga’ii murteen kun irratti darbe jedhame kan waajjira muummee isaanii duraanii kaaba dhiha Siiriyaa bulchiinsa Idlib keessatti argamutti gaggeffame irratti hirmaachuuf namootumti dhihoon Perezidaantichaa dhufan konkolaattota qananii qabeenya biyyaa qisaasessan jedhamanii akka mootummaaf deebi’u ajajame kana oofanii dhufani.
Hoggantoota mootummaa jijjiiramaafi ce’umsaa kan ta’an kanas murtichi kan ilaallatu ta’uun ammoo ifoomina siyaasa Al Sharaa agarsisa jedhameera.
“Isin ilmaan warraaqsaa ta’uu dagattaniittuu? Adduunyaan (duuniyaan) daftee isin qortee?” jechuun qondaalota kanneen kan ceepha’an Al Sharaan, “Mindaan mootummaa isiniif kaffalu akkas guddaa akka ta’e hin beekun ture” jechuun maqaa gaggeessummaan kaffaltii hanga sirrii hin taanee fudhataa kanneen jiran qeeqanii akka sirraa’uu ajajan jedha gabaasichi
Daldaltoonnis akkuma qondaaltotaa Murtoon kun kan isaan ilaallatuudha. Malaammaltummaa qolachuun maatii irraa jalqaba waan jedhan kan fakkaatu Al Sharaan,, obboleessi isaa angafaa Jamaal ajaja kanaaf saaxilamuun isaa ifoominaafi haqa isaaf ragaa akka ta’etti ilaalamuu hin oolu.
Jamaal Magaalaa Damaasqoo keessatti dhaabbilee daldala irratti boobba’an hundeessee kan hojjatu yoo ta’u gara alaa erguufi galchuu, pirojektoota turizimii dabalatee hojiiwwan daldalaa hedduu sochoosa.
‘Hoteelotaa fi manneen nyaataa sadarkaa olaanaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti beekaman akka qabu kan himame obboleessk angafaa Perezidaantichaa konkolaataa qananiin guutamee fi gabatee eeyyama konkolaataa hin qabneen imalaa tures jedhama.
Jamaal hariiroo pirezidaanticha waliin qabu faayidaa dhuunfaaf fayyadameera jechuun himannaan irratti kan ka’e yoo ta’u, kanarraa kan ka’e “Sharaan waajjirri isaa akka cufamu ajajee, qaamni mootummaa kamiyyuu obboleessa isaa waliin akka wal hin qunnamne dhorkeera” jedha gabaasni Reuters.
Ministeerri Odeeffannoo Siiriyaa cufamuu waajjirichaa mirkaneessee, “Jamaal al-Sharaa damee invastimantii ykn daldalaa kamiinuu akka hojjetu hin hayyamamneef” jechuun, erga mootummaan jijjiiramaa ijaaramee as Pirezidaantichi Jamaal ejjennoo ofiisaa kamiyyuu akka hin fudhanne dhorkeera jedha.
Al-Sharaa waajjira obboleessa isaa erga cufee booda walgahii maatiisaa waliin gaggeesseen, miseensonni maatii isaa maqaa maatii kana yookaan aangoo isaa faayidaa dhuunfaaf akka hin fayyadamne akeekkachiiseeras jedhe.
© Amar Temam




