as wr wb.
Poolisootaafi qondaalota dhiyeenya kana isa hidhanii turan, innis manuma hidhaa isa itti hidhan keessatti namoota heddu shahaadaa qabsiise, kanuma irraa kan ka’e namoota heddu Islaamummaa qabachiisee fixa jedhanii sodaatanii gadi dhiisan. Allahu Akbar
Ibroo Jamaal maaf hidhame? Badiin isaa maal ture? Maaf ba’e? Bu’uurri qaamni tokko cal’isee nama qabuuf maali? Aangoo akkanaa eesaaa fuudhe? Maaliif gadi lakkise? Al seerummaafi sarbama raawwateef qaamni itti gaafatamu eenyu? Qisaasama yeroofi rakkoo isarra ga’eef eenyutu itti gaafatama? Bor hoo wanti walfakkaataan isaafi namoota akka isaa irratti akka hin raawwanneef wabiin maaltu jira? Kun marti deebii barbaada.




