Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhu Hasan sagalee caalmaa argachuun pirezidaantii biyyattii torbaffaa ta’uun filataman.

Du’a Pirezidaantii Joon Maagufulii hordofuun Amajjii 2021 irraa eegalee pirezidaantii Taanzaaniyaa 6ffaa ta’uun tajaajilaa kan turan Dr. Samiyaa Suluhu sagalee %97.66 argachuun seenaa Taanzaaniyaa keessatti pirezidaantii dubartii filatamte jalqabaa taateetti.

Paartiilee gurguddoo Afrikaa keessaa tokko kan ta’e Paartii Chama Cha Mapinduzi (CCP) jedhamuuf dorgomaa kan jirtu Dr. Saamiyaan guyyoota itti aanan keessatti kaabinee ishee ni ijaartu jedhamee eegama.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*