Tiraamp waraanni Ameerikaa maqaa amantii tiksuun gara Naayijeeriyaa duulee waraa*nuuf akka qophaa’uu ejajan

Ameerikaa humni nageenyaa mootummaa hidhate Waldaa Kiristiyaanaa irratti haleellaa banee lubbuu heddu gala*afatee mana amantichaas barba*deessee nagaan bilisaan keessa jiraataa jiru kan hoogganan Perezdaant Donald Trump Kiristiyaanota adduunyaa maraafin gachaana ta’a jechuun gara Naayijeeriyaatti duuluuf ta’uu ibsaniiru.

Tiraamp waa’ee kiristaanota Naayijeeriyaa keessatti ‘ari’amaa jiru’ jedhanii ilaalchisee Dippaartimantiin/ Ministeerri Ittisaa oppirishiinii Kamiifuu akka qophaa’u qajeelfama kenneera.

Mootummaan Naayijeeriyaa yoo gochi Kiristiyaanota irratti qaamolee hidhataniin osoo raawwatamuu argaa yoo cal’isee itti fufe, Ameerikaan gargaarsaa biyyattiif gootu hunda hatattamaan dhaabdi jedhani.

Mootummaan Naayijeeriyaa dafee tarkaanfii akka fudhatu kan akeekkachiisan Titaamp, yoo ta’uu baate garuu qaamolee kana raawwachaa jiran dhabamsiisuuf humnaan gara Naayijeeriyaa duuluuu dandeenya jedhani.

Mootummaan Naayijeeriyaa gama isaatiin himata Ameerikaa kana kan kuffise yoo ta’u, qaamoleen hidhatan kun akka Titaamp jedhan hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa ta’an qofa irratti kan hin xiyyeeffanne ta’uu isbuun garechi hawaasa muslimaa irraanis miidhaa guddaa akka ga’aa jiru hubachiisuun dhimma himata maqaa amantaatiin dhihaateefi mootummaafi ummata walitti buusu kana fudhatama dhabsiiseera.

Hinumaa Mootummaan Naayijeeriyaa ammaa kun bifa kana dura ta’ee hin beekneen qaamolee mootummaa, gaggeessitoota biyyattii keessatti hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa hirmaachisuu ibseera.

Qaamoleen yakkicha raawwatama kan xiyyeeffatan kaayyoo isaaniif jecha hawaasa irratti male addatti hordoftoota amantaa tokkoo qofa irratti akka hin taane kan ibse Mootummaan, garecha irratti tarkaanfii fudhataa jiraachuu isaa himuun yakka kana galteefi kaayyoo biraaf fayyadamuun jeequmsa kaasuufi maqaa biyyaa balle-essuuf yaaluu balaaleffateera.

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*