Iraan Dhaabbilee Niwukilaraa Irra Deebiin Ijaaruu Beeksifte.
Iraan dhaabbilee sagantaa niwukilaraa ishee miidhaman suphuudhaaf akka yaaddu Pirezidaanti Pezeshkian beeksisaniiru. US yoo dhaabbileen kunneen deebi’anii jalqabaman haleellaa dabalataa akka raawwattu doorsifteetti.
Boombii Fordow, Natanz, fi Isfahan irratti darbatame – Israa’el ji’a Juun keessa guyyoota kudha lamaaf Iraan irratti waraana banteetti. Deeggarsa guddaa Ameerikaatiin dhaabbileen ijoo sagantaa niwukilaraa Iraan boombii itti darbatame. Hammi miidhaa qaqqabe ifa miti. Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp irra deddeebiin dandeettiin niwukilaraa Iraan ”haxaa’ameera” jechuun labsaa kan turan yoo ta’u, mootummaan Iraan miidhaa hamaa qofa dubbateera.
Amma ammoo Pirezidaantiin Iraan Masoud Pezeshkian biyyi isaanii dhaabbilee niwukilaraa miidhaman deebiftee ijaaruuf akka yaaddu irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Wiixata darbe Dhaabbata Humna Atoomikii Iraan daawwataniiru. ”Mootummaan guddina indaastirii niwukilaraa guutummaatti kan deeggaru yoo ta’u, saayintistoonni keenya dargaggoonni ijaarsa niwukilaraa kutannoodhaan itti fufuuf ogummaa barbaachisaa qabu,” jedhan dhaabbati oduu mootummaa Tasnim.




