Hoteela guddaa itiyoophiyaa Iskaayilaayitii halkan tokko buluuf qarshii meeqa gaafataa!?
Hoteela Iskaayilaayitii Itiyoophiyaa yokan Ethiopian Skylight Hotel jechuun hoteela guddaa Africa abbaa urjii shanii yoo ta’u buufata xiyyaaraa idil addunyaa Finfinnee booleetti argama.
Hoteela sadarkaa idil addunyaa eeggate (five-star hotel) ta’e dha. Hoteelichi kan ijaaramee fi kan hogganamu dhaabbata guddaa itoophiyaa kan ta’e
Dhaabbata Ethiopian Airlines Group tiin yoo ta’u Hoteela Afrikaa isa guddaa kutaalee ciisiichaa 1,024 mijaa’inaafi tajaajiloota sadarkaa olaanaa qaban bal’aa namoota dhuunfaa fi Aanga’oota, dippilomaatota olaanoo fi walga’ii dhaabbilee fi bakka boqonnaaf imaltootaaf fi kkf keessummeessu tajaajilota olaanoo hedduu of keessatti qabaa.
Hoteelichi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bolee irraa daqiiqaa 5 kan fagaatu yoo ta’u, bakkeewwan daldalaa fi bashannana beekamoo kanneen akka Edna Mall jedhamutti dhihoo dha.
Galma guddaa walga’ii fi koonfirensi namoota 4000 ol keessummeessu danda’u qaba.
Gosoota Nyaataa fi bashannana nyaataa adda addaa Nyaata Itoophiyaa, Xaaliyaanii, Arabaa fi Eeshiyaa dabalatee nyaataa fi dhugaatii hedduu idil addunyaa ni dhiheessa.
Hoteelli Skylight kutaalee ciisiichaa adda addaa gatii adda addaatiin kan dhiyeessu yoo ta’u, gabaabinaan kunooti:
Kutaa Dachaa yokan siree lama qabu qarshii 35000 hanga qarshii kuma 40 halkan tokkoof kaffalchiisaa.
Kutaa ciisiichaa siree sadii qabu “Suite” fi “Apartment” halkan tokkoof qarshii
67000 kaffalchiisa.
Kutaa Istaandardii isaa Eeggate abbaa sireee tokkoo, halkan tokkoof qarshii 27000. Hanga 30000 ti.
Walumaa galatti sireen isaa Gatiin halkan tokko qarshii 27,000 irraa Eegalee hanga 67,000 ta’a.
Kutaalee xiqqaa (Premium fi Deluxe) keessatti namoota tokko ykn lamaaf tajaajila dhiyeessa.
Kutaalee “Suite” fi “Apartment” keessa immoo maatii ykn namoonni gareen kutaa qabachuu danda’u. Gatiin isaa 67,046
Kutaa ciisiichaa Aanga’oota olaanoo kan adarkaa pirezidaanshaalii gatiin isaa waan ifatti hin barroofneef gatii isaa beekuu hin danda’amu. garuu sireen namni dhuunfaa tokko bulu qarshii 27000 irraa hanga 30000 qofadha.
Gatiin kun vaatii gibiraa fi fedhii maamilaa fi dhiyeessii addaa irratti hundaa’uun jijjiiramuu danda’a.
Hoteelota gurguddaa itiyoophiyaan qabdu keessaa kan siree nama tokkoof qarshii kuma shantamaa ol kaffalchiisu hin agarree!.
Mana Qoricha Aadaa Oromiyaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*