Masiriin awwaala mootii Fir’a’uun Tuutaankaamuun dabalatee Muuziyeemii dolaara biliyeena 1.2’n ijaarte daawwiif banaa goote
*********
”Qaroomina addunyaa ajaa’ibsiisoo” jedhaman keessaa tokko kan ta’e Piraamiidii Guddicha Kuufuu kan Masirii, Giizaatti argamu yoo ta’u, Masiriin muuziyeemii arkiyoolojii guddaa addunyaa kan jedhame, Muuziyeemii Guddicha Masrii banaa gootetti.
Muuziyeemii kana keessatti bobbociwwan hambaa seenaafi qaroomina durii agarsiisan 100,000 ta’an walitti qabamanii agarsiisaf taa’aniiru.
Hambaaleen seenaa kunneen qaroomina Masirii bara durii kaasee hanga bara Empaayera Roomatti kan jiruudha.
Muuziyeemii Guddicha Masirii kana keessatti daawwannaf yeroo jalqabaaf banaa kan ta’e awwaala mootii Fara’oon Tuutaankaamuun jedhamuun beekamuudha.
Tuutaankaamuun dargaggeessa ta’ee mootii Fara’oon nama tureedhe jedhama. Awwalli Tuutaankaamuun erga qorataa arkiyoolojistii beekamaa Howaard Kaaratar jedhamuun bara 1922tti argamee as yeroo jalqabaaf guutummaan daawwannaaf banaa ta’uusaati.
Awwaala Tuutaankaamuunin alatti maaskii fuulaasaa warqeerraa hojjatame, teessoofi konkolaataa fardaa illee agarsiisaaf banaa ta’aniiru.
Muuziyeemiin dolaara biliyeena 1.2 ta’uun ijaarame kun waggaatti turistoota miliyeena 8 ta’an ni hawwata jedhamee eegama.
Awwaala Tuutankaamuunifi hambaalee kumaatamaan lakkaa’amaniin alatti bidiruun Kuufuu kan waggaa 4,500 lakkoofsises muuziyeemii kana keessatti daawwannaaf dhiyaatera.
Muuziyeemiin masirii haaraa ijaarte kun bal’inni isaa iskuweer meetirii 500,000 ta’a jedhame.
Alli isaa barreeffamoota herogiliifiksiifi bobboca garaa garaan kan faayameedha. Siidaan Mootii Fara’oon isa cimaa jedhamee beekamuu Raamses II dhaabatee jira.
Muuziyeemii hambaalee arkiyoolojii guddaa addunyaa kan jedhame Muuziyeemin Gidaan Masirii kun bara bulchiinsa Hoosnii Mubaarak keessa ture yaadi ijaarsa isaa kan ka’e.
Ijaarsi muuziyeemichaa bara 2005 kan eegale yoo ta’u amma daawwattootaf banaa ta’ee jira jechuun BBCtu gabaase

Comment (1)

  • MUAZ

    November 2, 2025

    intersit

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*