Deebii:  Olomaa’ii biyya keennaa

Nama tokko yoo Rabbiif jecha wal jaalattan ykn kan amantii biroo keessa jirullee haa ta’uu, yoo amaanaa wal bira kaayattan  odeeyfannoo guutuu irraa barreefadhaa. Akkasuma yoo wal biraa deemtan eessa akka kaayuufii qabdanii fi eenyutti kennuufii qabdan irraa beekuun dirqama keessan. Haala waan kana hundaa irraa hin beekiniin yoo addaan baatanii fi bakka inni jiru yoo dhabdan Ammoo, wanni isin bira jiru sun yoo waan xiqqoo taate bakka Kheeyrii kaayaafii. Fakkeenyaaf qur’aana bittanii masjida kaayuufii, Yatiima (ilmaan abbaa hin qabne) fa’atti sadaqadhaaf. Garuu yoo waan kana raawwattan namni sun yoo deebi’e, ‘ni kennaaf’ jechuun sammuu teessan keessa jiraatuu qabdi. Yoo horii (maallaqa) guddaa taate immoo haga baatii jahaa (6) fi waggaa tokkoo (1) jala deemtanii barbaaduun dirqama keessan.

 

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*