Barattoota Qaxalee Qorumsa Biyyaalessaa Baranaan Qabxii Ol’aanaa Galmeessaniif Badhaasni Gumaachame
********
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa barattoota qaxalee qorumsa biyyaalessaa bara 2017 qabxii ol’aanaa galmeessaniif badhaasa Nuur-Ummaah narsaa jalqabaa irratti barattoota qabxii ol’aanaa sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti galmeessaniif geebaa badhaasee jira.
Sagantichi walta’iinsa Jam’a Barattoota Nuurul-Ummaah, Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa fi Yuunivarsitii Imaamu Shaafi’itiin kan qophaa’e yommuu ta’u, badhaasni kun marsaa jalqabaatiif “Nurul-Ummah Excellence Award” mata duree jedhuun gaggeeffame jira. Jam’an Barattoota Nuurul-Ummaah barattoota manneen barumsa bultii addaa fi manneen barumsa ifa boruu naannoo Oromiyaa keessa jiran hunda irraa kan hundaa’ee fi dalaga fakkeenya ta’u barattootaf kan dalaga jiruudha.
Sagantaa badhaasa kanaan, barattoota qabxii ol’aanaa galmeessan dhiiraa fi dubartootafiis badhaasni kennaamefi jira. Jam’an Barattoota Nuurul-Ummaah barattoota qabxii 500 fi sana galmeessaniif badhaasa meedaliyaa, mallaqa fi geebaa kan taasise yommuu ta’uu, Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa barattoota qabxii ol’aanaa akka biyyaatti galmeessaniif:-
1. Barataa Khaalid Bashiir Hasan
2. Barataa Gosa Nageessoo Galatoo
3. Barataa Hasan Jatanoo Midhaaksoo tiif geebaa badhaasuun jajjaabeesse jira.
Saganticha irratti hoggaansi Ol’aanoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa, Hoggaantoota Yuunivarsitii Imaamu Shaafi’i fi barattoonni manneen barnootaa bultii adda fi ifa boruu argamuun saganticha dabaalani jiru.
Odeeffannoon kan Majlisa Magaalaa Adaamaati.




