Lammiilee biyyattii kuma 800 oliif carraa hojii biyya alaa uumuuf hojjachaa jiraachuu ministeerichi beeksise
*******
Ministeerrii Hojjataa fi Ogummaa bara baajata 2018tti lammiilee biyyattii kuma 800 oliif carraa hojii alaa uumuuf hojjachaa jiraachuu beeksise.

Ministeerrii koomunikeeshinii fI hariiroo qunnamtii hawaasaa Obbo Abbabbaaa Alamuu akka ibsanitti, lammiilee fayyadamaa taasisuuf carraa hojii biyya alaa irratti xiyyeeffachuun kabaja, mirgaa fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf tattaaffachaa jiraachuu ibseera.

Dabalataanis carraan hojii biyya alaa yeroo gara yerootti guddachaa akka jiru ibsuun, bara 2014 dura lammiilee kuma 40 qofaaf carraa hojii akka uumaniif ibsan. Bara 2017tti lammilee kuma 503 oliti guddachuu ibsuun bara baajataa 2018 tti immoo hanga kurmaana jalqabaatti lammiilee kuma dhibba 100 fi kuma 36 ol carraa hojii uumuun fayyadamoo taasisuu ministerrichii ifoomseera.

Itti dabaluunis sirnii ammayyaa, teeknooloojii irratti hundaa’e kan adeemsa hojii biyyoota alaa mirkaneessuuf itti fayyadaman waliin walqabatee irratti rakkinaa fi baasii dhabamsiisuuf hojjachaa jiraachuus himaniru.

Dabalataanis mirgaa fi nageenya lammiilee karaa Imbaasiiwan Itoophiyaa biyyoota itti imalan keessatti mirkaneessu diriirsee hojjachaa jira jedhaniiru.

Hanga ammaatti biyyoota akka Kuweet, Libaanos, Sa’uudii Arabiyaa, Gamtaa Eemireetota Arabaa, Joordaan fi Qatar waliin waliigalteewwan mallattaa’anii hojiirra kan oolan yoo ta’u, baay’ina biyyoota itti imalan babal’isuuf hojjatamaa jiraachuus eeraniru.

Fuulduratti gosoota ogummaa adda addaa babalisuuf hojjachaa akka jiran hubachiisuun, yeroo ammaa immoo hojiileen akka mana qulqulleessuu, kunuunsa maatii fi konkolaachisaa fa’an hojii irra oolaa jiraachuu himan.

Xaaliyaan hojjattoota ogummaa qabaniif fi kanneen walakkaa ogummaa qabani Itoophiyaa irraa fudhachuuf qophii ta’uu miidiyaan Wazeemaan gabaaseera. AStu gabaase.

Comment (1)

  • Abdurezak Faris Sheshifa

    November 2, 2025

    Maashallah Maashallah Jabaadhaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*