Qur’aana irraa yoo qara’eef yoo jawwaala irraa qara’e maal addaan jira?

Gaaffii: Qur’aana irraa yoo qara’eef yoo jawwaala irraa qara’e maal addaan jira? Deebii: Wanni ati qaraate sun yoo qur’aana ta’e, adda hin jiru. Garuu wanni adda jiruun jawwaala kee yoo kiisa kaayattee mana fincaanii seente humaa hin qabu. Garuu qur’aana fuutee mana sagaraa seenuun hin jaalatamu (dandayamuu). Yoo namni bakka kaayu dhabe malee jedhan. Sawwaabatti...

Garagaarsaaf maallaqa an erge bakkaan naaf hin geenye, anin maal godhuu qaba?

Gaaffii: Gaafa tokko sadaqaa niyyadheetiin gargaarsa masjiida tokkoof ammalle maatii yatiimaatiif gargaarsa niyyadhee nama tokkotti waa erge, namni sun waan san akka an fedhutti bakkaan hin geenyee, ka masjiida sanis cinaa kenneetuma waa xiqqoo kennee, ta biraa Masjiida biraatiif dabarse an ammo masjiida saniif hin niyyannee inni ammo fedhinnaa isaatiin akkas hojjatee wanni anarratti jiru...

Namni Jaartii isaatiin wajji rafe, Guyyaa qabbanti jabduun jirtu ,dirqama dhiqachuu qabaa ?

Deebisaa: Rabbiin waa hunda nuuf kennee jira. Namni Yoo qabbanti jiraatte bishaan oowwifachuu danda’a . Qabantilleen kama akkanatti sodaatanii mitii, kama dhugaan nama dhibdu san ta’uu beekuu qaba. Dhugumaahuu qabanti tun si miiti moo, sodama birdilibsii jalaa bahuu dadhabanii , Rabbi gargar beeka ”laa yakhfa’a aleeyhi khaafi’a”  wanni feete isarraa hin dhokattu. Dhiqateetuma salaata inshaallah. Yoo kaa...

Jaarsi takka qofa si hiike jennaan deemtee nama birootti heerumte.

Gaafii ? dubartiin takka jaarsaan wal dhabnaan, inni si hiike jedheen. Isiinis yeroma san deemtee nama birootti heerumte. Nikaan isii kun akkami? Nikeenni duraa bu’e moo hin buune? Deebii Dura dursoo abbaan warraa yoo si hiike jedhee dubbate; fedhu xalayaa itti katabee, fedhu Meseeja ergee, fedhu bilbila bilbilee yoo si hiike jedhe. Nikaan sun bu’ee...

Haati tiyya anaa diqqaa manarraa na ariite, eegasii biyyaa bahee islaama tahe, haadha tiyya tiyya san laaluu ni danda’aa?

Haati tee kaafirallee taatu, warri keessan kaafirallee ta’u keessaahuu haadhaaf Abbaa keessan manxanfatuu qabdan. Waan dandeettaniin ka diinaa keessan madeessuu hin dandeenneen isaaniif tola ooluu ni dandeessu. Daliilli Asmaa bintu Abubakar obboleettii Ayishaadhaa Rasuula Rabbiititti dhuftee, madiinaadhatti. Waan jetteen, haadha tiyya kaafir*a magaalaa makkaa irraa kaatee natti duftee, akka ani isiidhaaf tola barbaadu barbaaddii maal...

gama Islaamummaa dhufuuf Masjiida Dhaquun Dirqamaa?

mucaan takko akki jedhu ‘namni dhiiraa tokko irra deddeebiidhaan shahaadaa qabachuu barbaadaa masjiida na geessi’ naan jedha. Wayta an masjiida geessu ammoo ‘namni kun nama farshoo dhuguu waan taheef, nama hamaadha’ jedhanii ofirraa na deebisu. Yeroo biraatis namni kun natti deebi’ee, ‘Yoo Masjiida sanitti didan bakka birallee haa tahuu, na geessi islaamummaa qabachuu barbaada’ naan...

Qabrii bareechisuu.

Qabrii bareechisuu fi kunuunsuun hin barbaachisu.   Fakkeenyaaf waan akka Abaaboo keessa dhaabuu, mukkeenii fi wantoota garagaraatis keessatti dhaabuun  barbaachisu. Shiekh Muhammad ibn Ibraahim ibn Aal ash-shiekh akkana jedhan, “qabrii bareechisuu fi keessatti biqiltoota dhaabuun, waan islaamummaan ajajjee miti. Wanti akkanaatis hin hayyamamu. Kun warra nasaaraa akkeessuutu keessa jira. Warri kiristaanaa qabrii isaanii bakka bashannanaa...

11. akka shari’atti Gabbarri akkami?

Deebisaa: Hukmii shari’aatii fi Aadaa wal keessa hin laaqinaa. Fuudhaa fi heerumni yeroo raawwatamu gabbara kaffali, waan Haadhaa , Abbaa, Eessumaa, Adeera, Haboo, Adaadaa, dabalatee kana fidii san fidii wanti jedhamu kun dogongora. Wanti guyyaa kana kennamu cufti maqaa intalaatin, maqaa mahriitiin kennamuu qaba. Guyyaa kana waan meeshaa, akkasuma ka uffata isii fidi yoo siin...

10. Namni tokko intala takka yoo fuudhuu fedhee laallate akkam?

Deebisaa: Namni dhiiraa ka intala fuudhuuf barbaaduu fi intaltis tan heerumuu barbaaddu wal laallachuun islaamummaa keessatti halaali. Haadhaa fi abbaan intala tiyya laaluun hin ta’u jedhanii yoo dhoorkan, wallaalummaa isaaniiti. Wal laallatiinsa jechuun garuu daangaa qaba. Hoteelaa fi kaafteeriyaa addaa keessa kophaa wajjiin deemanii bashannanuu, wajji waan haraam dalaguu miti. Wal laallatiinsa yoo jedhamu waan daqiiqaa...

9. Adurreen Salaata ni balleessitii?

Gaaffii: Yeroon salaatu Adurreen narra naannofti salaatni koo ni badaa? Deebiii: Ergamaan Rabbii Sallallaahu Aaleyhi Wassallam dhimma adurreetiin wal qabatee akkas jedhan, “bashoon ykn adurreen khaadima keessan kan mana keessaati. Hoggaa nyaattanii fi dhugdan isiniin naannayu.” Walumaa galatti bashoon ykn adurreen salaata keessa sitti mammaramuun salaata kee hin balleessu. Fatawaa biyya alaa Adurreen qulqulluudha.  Kanaafuu adurreen...