Gosoota kaansarii
Kan armaan gadii tarree gosoota kaansariiti. Kaansariin garee dhukkuboota baay’inni seelotaa haala hin baramneen dabaluu kan of keessaa qabu yoo ta’u, kutaalee qaamaa biroo weeraruu ykn babal’achuu danda’a. Tuumorri ykn citaan hundi kaansarii miti; (benign tumors) kutaalee qaamaa birootti waan hin babal’anneef akka kaansariitti hin ramadamu. Kaansaroonni adda addaa beekaman 100 ol ta’an kan nama...












