Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii. Hiikkaan halaali. Halaala sanirraa immoo halaala irra jibbamaadha. haalaala Jibbamaa tayullee hiikkaan wanni godhamteef furmaataafi. Namni Lama haala jiruu walitti hadheessuun waliin jiraachuun rakkina jabaadha. kanaaf Rabbiin hiikkaa furmaata godhe. Kanaafuu Yaa gabrittii Rabbii haala mana kee keessatti inni rakkinna jabaa sirratti hojjatuun hiikkaa gaafatuun kee waa takkallee rakkoo hin qabu. Garuu rakkinna malee akkanumaan hiikkaa gaafachuun Dilii gurguddaadha.

Doktor. Liwaa’ulislaam

Fatwaa olomaa’ii  biyya alaa ,)

Sababa quubsaa fi fudhatamaa ta’een maletti intalti abbaa manaa isiitiin na hiiki jechuun dhoowwaadha.

حَدَّثَنَا سُلَيْمَانُ بْنُ حَرْبٍ، حَدَّثَنَا حَمَّادٌ، عَنْ أَيُّوبَ، عَنْ أَبِي قِلاَبَةَ، عَنْ أَبِي أَسْمَاءَ، عَنْ ثَوْبَانَ، قَالَ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم ‏ “‏ أَيُّمَا امْرَأَةٍ سَأَلَتْ زَوْجَهَا طَلاَقًا فِي غَيْرِ مَا بَأْسٍ فَحَرَامٌ عَلَيْهَا رَائِحَةُ الْجَنَّةِ ‏”

Sawubaan (r.a) akka gabaasetti, ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam akkana jedhan, “Dubartiin takka abbaa manaa isiitiin sababaa ulfaataa takkaan maletti na hiiki yoo jetteen, hafuurri jannataa isii irratti haraama ta’a.” (Sunan Abu Daawud 2226)

Jechi, “Sababaa ulfaataa” jedhu sirritti xiyyeeffannaa argatuu qaba. Jiraachuun ulfaataa yoo ta’e hiikkaa gaafachuun rakkoo hin qabu.

Namni sun nama amantii laaffisu yoo ta’e nama ibaadaa hin goone yoo ta’e, nama dubartii biraa wajji waan haraama keessa seene yoo ta’e, dirqama isa nama bahu yoo hin taane, fedhii haadha warraa isaa gama hundaan kan hin guunne yoo ta’e, hiikkaa gaafachuun rakkoo hin qabu.

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*