Majliisni naannoo Oromiyaa Yaa’ii idilee gaggeesse.
**********
Manni maree al’aanoo dhimmoota islaamummaa naannoo Oromiyaa Yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa guyyaa har’aa gaggeesse.

Pireezidaantiin mana marichaa Ustaaz Gaalii Muktaar Yaa’ii idilee kana irratti argamuudhaan haasaa baniinsaa taasisaniin majliisni naannoo Oromiyaa wirtuu majliisa Itoophiyaati jedhan.

Ummanni oromoo dhaabbata kana waggoota 30 oliif kan-kooti jedhee eeggachaa kan tureedhan jedhan.

Majlisni sadarkaa biyyaatti irra deebiidhaan erga dhalatee filannoo ummataatiin hundeeffamuus Ustaaz Gaalii Muktaar kaasaniiru.

Mana maree ol’aanoo dhimmoota islaamummaa Itoophiyaatti itti aanaa kan ta’an Sheek Hamiid Muusaa ummanni musliimaa sababuma amantii isaaniitiif biyyaa bahuun godaansa keessatti gadadoon hedduun irra gahaa turuu eeruudhaan yeroo ammaa kana majliisni ummataan filamee amaanaa ummataa kan cimsuudha jedhan.

Manni marichaa Yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa guyyaa har’aatiin muudama gara garaatis gaggeessee jira.
Maddi: Hamiltan TV

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*