Tokkummaa Muslimoota Cimsuun Nageenya Biyyaaf Murteessaadha > Ustaaz Haydar
Spider Media: Jumada I 11, 1447 AH
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Gaambeellaa Kaawunsilii Dargaggoota Musliimaa naannichaa hundeesse.
Waltajjicharratti irratti kan argaman Pireezidaantiin Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa Ustaaz Hayidar Kadir tokkummaa hawaasa Muslimaa cimsuun nageenya Itiyoophiyaatiif murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Dargaggoonni nagaa fi misooma biyyaa itti fufiinsa qabuuf gumaacha taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu kan jedhan Pireezidaantichi, Kaawunsilichi hirmaannaa dubartootaa fi daa’immaniis kan hammate ta’uu yaadachiisaniiru.
Kaayyoowwan hundeeffama Kaawunsilichaa keessaa tokko mootummaa fi dhaabbilee amantaa biroo waliin ta’uun tokkummaafi nageenyaaf biyyaaf waliin hojjechuun akka danda’amu irratti kutannoon hojjachu akka ta’e ibsuu odeeffannoon Spider Media n Kaawunsilicha irraa argate ni mul’isa.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan nagaa waaraa qabaattee diinagdeen akka cimtuuf gaheen muslimootaa ol’aanaa waan ta’eef, ummanni keenya qooda fudhattoota waliin ta’uun gahee isaa bahachuu fi mirga isaa kabachiisuu itti fufuu akka qabus eeraniiru.
Kaawunsiliin Dargaggoota Musliimaa Gaambeellaa gama isaatiin mootummaa naannichaa fi dhaabbilee amantaa biroo waliin ta’uun nageenya naannichaaf akka hojjatu ibsameera.
Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa fi bakka bu’aa Mana Maree ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Gaambeellaa kan ta’an Ustaaz Fayisal Umar gama isaaniitiin Dargaggoonni Musliimaa Naannoo Gaambeellaa yeroo isaaniitti sirnaan fayyadamuun amantaa isaaniitiif sirnaan hojjachuu qabu jedhaniiru.
Bakka bu’aan Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Gaambeellaa Ustaaz Usmaan Umar muslimoonni mootummoota kanaan duraatiin beekamtii seeraa akka hin arganne dhorkamuu isaaniitiin rakkoo fi miidhaa hedduun isaan mudateera jedhani.
Yeroo ammaa Musliimonni dhimma biyyaasaanii irratti hordoftoota amantaa biroo waliin ta’uun dirqama lammummaa isaanii ba’aa jiru kan jedhan Ustaaz Usmaan, fuuldurattis caasaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa hanga Aanaatti diriirsuun hojiiwwan garaa garaa ni hojjatamu jedhaniiru.
Waltajjicharratti bakka bu’oonni mootummaa, naannichaa, Godinaalee fi aanaalee irraa dhufan akkasumas dargaggoonni, dubartoonniifi ustaazonni argamaniiru.




