Ajeendaa Keessan Irratti Cichaa!
Ajeendaa Keessan Irratti Cichaa! Mariin biyyaaleessaa adeemsa irra jiru kana irratti garaagarummaan ilaalchaa, ejjennoon wal irraa fagaachuun fi yaada furmaataa irratti mormiin uumamuu waan eegamudha. Aadaa marii keenya kan duraa, rakkoolee fi dhangala’a dhiigaa darban, akkasumas gaaffilee deebii dhaban heddmina isaanii irraa kan ka’e, falmiin uumamu akka sodaa kiyyaatti ta’ee hin argamne. Dhuguma falmiin ho’aan...




