Itoophiyaan Baankii Addunyaa Irraa Doolaara Biiliyoona 13 Ol Gaafachuuf Qophii Taate
Itoophiyaan bara kudhan (2027–2036) keessatti gara doolaara Ameerikaa biiliyoona 13.4 Baankii Addunyaa (IDA) jalaa akka argattu karoorfachaa jirti. Kun karoora “Country Partnership Framework” haaraa jalatti kan ka’ame yoo ta’u, argamuun maallaqichaa hojii dhaabbileen fooyya’iinsa dinagdee (reform) hojjetan, humna raawwachiisuu, fi jiraachuu qabeenya IDA irratti hundaa’a. Ammatti, portofooliyoon Baankii Addunyaa Itoophiyaa keessatti doolaara biiliyoona 16 ga’eera.






