Ajeendaa Keessan Irratti Cichaa!

💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢
Mariin biyyaaleessaa adeemsa irra jiru kana irratti garaagarummaan ilaalchaa, ejjennoon wal irraa fagaachuun fi yaada furmaataa irratti mormiin uumamuu waan eegamudha. Aadaa marii keenya kan duraa, rakkoolee fi dhangala’a dhiigaa darban, akkasumas gaaffilee deebii dhaban heddmina isaanii irraa kan ka’e, falmiin uumamu akka sodaa kiyyaatti ta’ee hin argamne. Dhuguma falmiin ho’aan jiraatus, wanta dinqisiisaa ta’een adeemsichi karaa irraa hin maqune. Gaariidhaan deemaa jira.
Hundi keenya yaada keenya fi kallattii furmaata keenya irratti namni hundi yoo walii gale nus gammachiisa. Keessattuu immoo “nuyiin deeggara” jenneen kan yaadnu obboleessi keenya nutti dhihoo ta’e karaa nuyitti sirrii hin fakkaanne yeroo hordofu, miira keessa galuun keenya kan hin oolle. Garuu immoo garaagarummaa kamiyyuu karaa keessootiin fi obbolummaatiin mari’achuudhaan furmaata waliiniitiif waliin dhaabbachuun nu irra jira.
Obboleessa keenya Ustaaz Jamaal fi obboloota gaddan ilaalchisee wantan argu haala kanaan. Marii biyyaaleessaa irrattis ta’e dhimmoota biroo irratti garaagarummaa yaadaa ni qabaanna. Ilaalcha kiyyaan kan isaa, ilaalcha isaatiin immoo karaan kiyya sirrii kan hin taane fi kan nu hin deemchisne fakkaachuu danda’a. Ta’us garuu niyyaa isaa gara shakkutti qabachuutti takkumaa hin geessu.
Obboleessi kiyya Jamaal Bashiir gummaacha inni hidha haaromsaa irratti biyya isaatiif taasiise ni kabaja; ilaalcha kiyyaan immoo yeroo tokko tokko ariitiidhaan fi adeemsa irraa kan ka’e dhimmoota inni dogoggoru ni jiru jedheen yaada. Kunis ta’u ilaalcha kiyyaan qofa. Dogoggora isaa sirreessaa biyya fi haala Diin caaluuf waliin dalagna. Yeroo inni dogoggorus “dogoggorteetta” niin jedha, dogoggora isaas isa amansiisuuf niin yaala. Kanaafuu isa irratti duullonni jalqalaman kun osoo dhaabbatan gaariidha.
Kanneen miidiyaa hawaasaa irratti hirmaattan obboloonni kiyya hundi, dhuguma dhimmi kun kan isin yaaddessu yoo ta’e, waan Ustaaz Jamaal ilaalchisee maxxansitan fuula keessan irraa kaasuudhaan, mariin biyyaaleessaa hanga xumuramutti dhimmoota ajeendaa keenya ijoo ta’an qofa irratti walitti fufinsaan barreessaa, viidiyoo hojjedhaa. Kanneen hin hubatinis amansiisaa.
Adeemsichi kan hin xumuramne waan ta’eef, hirmaattinis ta’e hawaasni biraa fuulleffannaan keenya gara hojiiwwan hafanitti malee namoota dhuunfaa irratti ta’uu hin qabu. Wantoota yaada keenya faffacaasan hunda irraa fagaachuudhaan fuula keenya gara dhimmoota keenyaatti deebisoo. Ajeendaa keessan irratti cichaa!

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*