Ameerikaan adduunyaa maratti Kiristaanota baraaruufi tiskuuf qophiidha, fedhii fi dandeettiis qabdi jedha Perezidaantiin US Donald Trump.

Falasxiin keessatti kiristaanota kumaatama kan dugu-ugee dugu-ugsise eenyu? Waggoottan kumaa ol kan lakkoofsisan dabalatee Manneen amantaa Kiristiyaanaa heddu kan barbaadeessw eenyu? Marti isaaniituu Ameerikaadhaan ta’e. Dirooniiwwan, rasaas*ni, boom*biin darbatamee dho’ee osoo sirna amantaa irra jiranii Kiritaanota heddu mana amantaa isaanii waliin kan barbaa*- deesse Amrigaa kanaafi buchi* llaa isiin hoosistu.

Raashiyaafi Yuukireen keessatti dhum*aatii Kiritaanotaafi mancaatii Manneen amantaa Kiristiyaanaa irra ga’e booda eenyutu jira? Eenyutu akak lolichi hin dhaabbanne godha? Jalqabumammoo eenyutu duursee abidda qabsiise? Amrigaa mataa isiiti.

Garuu as deebi’anii sobanii gogaa fuula jojjiirratanii mul’achuuf yaalu. Kam qalbii qabu hubateera. Kaanis ni hubata. Kan dhiise isaaf dhimma.

Trump Naayijeeriyaa keessatti amantiin Kiristaanaa ba*laa keessa iraachuu jira jechuun, Kiristaanonni kumaatamaan lakkaa’aman ajjee*famaa jiru jedhu. Kanaaf ammoo kan itti gaafatamu Muslimoota isaan maqaa biraa baasaniifi ittiin waaman ‘akraarii’ warra jedhaniin ta’uu himatu.

Achuma Naayijeeriyaa isaan jedhan kana keesa imaamni Masjiidaa tokko lubbuu lammiilee kiristaanota dhiibbaan lakka’amanii baraaruuf jecha wareegama inni kaffale garuu hin dubbatani, hin arganus.

Lammilee nagaa irratti qaama yakka raawwatu anis nan balaaleffadha. Muslima ta’ee ta’uu baatee dhimma mataa isaati. Garuu nu akka isaanii fakkeessaaf osoo hin taane dhugumaan balaaleffanna. Lammilee nagaa eeguuf jecha Muslimni akka lubbuu ofii dabarsee kennuu isaanuu ni beeku.

Garuu akkuma beekkamu gareewwan kunneen kan Islaamaafi muslima bakka bu’an miti. Naayijeeriyaa qofa osoo hin taane Kaaba, bahaafi Lixa Afrikaa keessa, baha jiddugaleessaa, biyyoota Eeshiyaafi adduunyaa biroo keessa gareewwan maqaa Islaamaatiin sochoo’an dhuguma muslima osoo hin taane shift* oota warreen dhihaa hidhachiisanii maqaa muslimaatiin boobbaasanii qallabaniidha.

Hojiin gareewwan kanneeniis yakka Muslimaafi amantaa Islaamaa maqaa xureessu raawwachuufi biyya islaamaa cab*suudha.

© Amar Temam

Comment (1)

  • Sifan Sifan

    November 1, 2025

    Oke

Leave a Reply to Sifan Sifan Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked*